Kuni website seenaa oromoo irattii barressinuudhaa

Oromoon uummata afaan hortee Kuush dubbatu kan Bahaa fi Kaaba-Baha Afrikaa keessatti argaman keessaa isa guddaadha. Odeeffannoon jiru akka ibsutti, ummanni Oromoo akka hawaasaatti Gaanfa Afrikaa keessa waggoota kuma baay'eedhaaf jiraachaa ture (Prouty et al., 1981). Bates (1979) Oromoon sanyiii duriifi jalqabumaa kaasee naannoo kana jiraachaa tureedha, tarii uummattoonni naannoo Baha Afrikaa kaan baayyeen kan irratti waraabamani. Dhufaatii Ka'umsi Oromoo eessaa akka ta'e sirriitti hubachuuf qorannoon dabalataa barbaachisuyyuu, Oromoon jalqabarratti akka horsiisee-bulaatti fi/ykn gartokkeen qotee-bulaatti jiraachaa ture jedhamee amanama. Qorattoonni seenaa baayyen gosoonni Oromoo (Baale) muraasni fiixeekibbaa Itoophiyaa har'aa keessa waggaa kumaa ol jiraacha akka turan walii galu. Qoratoonni kun Godaansi Oromoo daldalaan-dhiibbame ummata Oromoo gara bakka har'a jiraatan walakkaa fi dhihaa Itooophiyaa jaarraa 16ffaa fi 17ffaatti akka fide dubbatu. K...