Kuni website seenaa oromoo irattii barressinuudhaa
Oromoon uummata afaan hortee Kuush dubbatu
kan Bahaa fi Kaaba-Baha
Afrikaa keessatti argaman keessaa isa guddaadha. Odeeffannoon jiru
akka ibsutti, ummanni Oromoo akka hawaasaatti Gaanfa Afrikaa keessa
waggoota kuma baay'eedhaaf jiraachaa ture (Prouty et al., 1981). Bates (1979)
Oromoon sanyiii duriifi jalqabumaa kaasee naannoo kana jiraachaa tureedha,
tarii uummattoonni naannoo Baha Afrikaa kaan baayyeen kan irratti
waraabamani.
Dhufaatii
Ka'umsi
Oromoo eessaa akka ta'e sirriitti hubachuuf qorannoon dabalataa
barbaachisuyyuu, Oromoon jalqabarratti akka horsiisee-bulaatti
fi/ykn gartokkeen qotee-bulaatti jiraachaa ture jedhamee amanama. Qorattoonni
seenaa baayyen gosoonni Oromoo (Baale) muraasni fiixeekibbaa Itoophiyaa har'aa
keessa waggaa kumaa ol jiraacha akka turan walii galu. Qoratoonni kun Godaansi Oromoo
daldalaan-dhiibbame ummata Oromoo gara bakka har'a jiraatan walakkaa fi dhihaa
Itooophiyaa jaarraa 16ffaa fi 17ffaatti akka fide dubbatu. Kaartaan durii kan impaayera Aaksum/Abisiniyaa fi Adaal/Sumaalee Oromoon gara
walakkaa Itoophiyaa har'aatti haaraa ta'uu agarsiisa. Barnoota garii
== Dhufaatii == Ka'umsi Oromoo eessaa akka ta'e sirriitti hubachuuf qorannoon
dabalataa barbaachisuyyuu, Oromoon jalqabarratti akka horsiisee-bulaatti fi/ykn
gartokkeen qotee-bulaatti jiraachaa ture jedhamee amanama. Qorattoonni seenaa
baayyen gosoonni Oromoo (Baale) muraasni fiixee-kibbaa Itoophiyaa har'aa keessa
waggaa kumaa ol jiraacha akka turan walii galu. Qoratoonni kun Godaansi Oromoo daldalaan-dhiibbame
ummata Oromoo gara bakka har'a jiraatan walakkaa fi dhihaa Itooophiyaa jaarraa
16ffaa fi 17ffaatti akka fide dubbatu. Kaartaan durii kan impaayera Aaksum/Abisiniyaa
fi Adaal/Sumaalee Oromoon gara
walakkaa Itoophiyaa har'aatti haaraa ta'uu agarsiisa. Barnoota garii
Seenaa As Dhihoo
Kanas ilaali: Seenaa
Oromoo
Kaartaa
Itoophiyaa kan Naannoo Oromiyaa]] agarsiisu
Akka seenaan
ibsutti, ummanni Oromoo bulchiinsaaf Sirna Gadaa fayyadamaa ture. Oromoon
mootummoota ofbulchan muraasas qaba, kanas ummata Sidaamaa
wajjin qooddata. Kana keessaa mootummoota naannoo Gibee
ta'an Geeraa, Gommaa, Garo, Gummaa, Jimmaa fi Limmuu-Inaariyaa,
fi akkasumas mootummaa
Jireeni.
Akka seenaan
dubbatutti, walmorkiin karaa nagaa fi waraanaa ummata Oromoo fi sabootaa ollaa
kan akka Amaaraa, Sidaamaa
fi Sumaalee wajjin ture siyaasa
hawaasa Oromoorratti dhiibbaa fide.
Goddansi Oromoonni akka Yajuu gara kaabatti
godhan, fi keessumattuu Oromoon Arsii gara lafa saba Sumaalee fi Sidaamaatti godhan
baballiinsa Amaarri gara kibbaatti
godhe wajjin wal fakkaata, fi siyaasa sanyii Itoophiyaa kan harraa kana boce.
Akkasumas, baballinni guddaan Sumaalee lafa diriiraa Ogaadeniirraa gara
dhihaatti gara laga Jubaatti
godhame Oromoo wajjiniin walitti bu'iinsa fide. Iddoo tokko tokkotti, Oromoonii
fi Sumaalen qabeenya uummamaa
fi lafa gabbata irratti walitti bu'aa turan. Dabalataan, Oromoonni Bahaa, kan Islaamummaa fudhatanii
turan, warra Sumaalee fi Affaar wajjin qaama Sulxaana Adaal
kan Islaamaa hordofuu turan. Sulxaanni Adaal hooggana
Imaam Ahimad
Ibin Ibraahim Al-Gaazii jalatti Impaayera Abisiiniyaa kan Kiristaana
ture qabachuuf duule ture.
Qorataan seenaa
Riichaardi
Paankirasti odoo
humnoonni Yuurooppi hin dhufinii fi
mootummaan Itoophiyaa
hin hundaa'in dura, naannon amma Itoophiyaa, Eertiraa fi Somaaliyaa jedhamu kana:
Tuuta mootummootaa fi bulchiinsotaa qabata, tokkoon tokkoonsaanii
ofumasaaanii kan socho'an turan, garummoo warra kaani dhiibbessaa fi warra
kaanin dhiibbeffamaa turan. Bulchaan tokko bulchaa biyya biraa of eeggannoodhan
ilaala garummoo yeroo baayyee kennaa fi dhaamsaa garii wal jijjiiru, tarii yoo
wal waraanaa jiraatan malee. Sanyiin warra mootii karaa fuudhaa walitti hidhuun
baramaadha, garuu yeroo baayyee daangaa amantii hin cabsuu. Karaa biraa,
daldalli, garaagarummaa amantii ilaalcha keessa kan galche miti, karaan
daldalaa mootummoota amantii aadaa, kiristaana, fi Islaama hordofan walitti
hidha. Hawaasni fi sabni afaan mataasaa dubbatu baayyinaan warra kaanirraa adda
ta'eetu jiraata,
garuu aadaa walirraa dhaalun ni jira. Kunis qarqara Galaana Diimaa fi Gaarren Itoophiyaa
keessatti qofa odoo hin taane, gara kibbaa
daangaa Sumaalee fi Oromoo dabalata; achittis kara-deemtonni dhuma jaarraa
19ffaa keessa garas deeman hawaasa daldalu kan afaan baayyee dubbatu arganiiru.
Suura
mootittii Oromoo kan yeroo Biriitish Maqdalaatti duula geggeessite bara 1867-68
kaafame. Mootittii Oromoom fi ilma ishii.
Wagga kurnan
jalqabaa jaarraa 19ffaa keessaa, mootummaan Oromoo sadi'i Inaariyaa, Gommaa
fi Gumaan
cimanii dhufan. Naannoon kun walumatti lafa-Oromoo jedhamee yoo beekkamu lafa
walakeessaa fi kibba Itoophiyaa qabata, kunis yeroo amma lafa sabni Oromoo hin
taane irra jiraatu of keessatti qabata. Gumaachi Oromoo Itoophiyaa hundeessuu keessatti yoo
ilaallame, Goobana Daaccii waraana
geggeessudhaan mootummoota bilisummaan jiraachaa turan Itoophiyaa jalatti galcheera.
Goobanaan Minilik
jala galuudhan mootummoota Oromoo baayyee cabsee Itoophiyaa jalatti galche.
Sababa kanaafis Oromoonnii Goobanaa
akka gantuutti ilaalu. Itoophiyaan har'aa odoo hin hundaa'in dura daldallii
naannoo, karaa dheeraa fi daangaa qaxxaamuru Itoophiyaa har'aa, Eertiraa fi
kutaan Somaaliyaa walitti hidhee ture. Karaan daldalaa kun Boongaa, Jimma, Saqqaa,
Asandaaboo,
Goojjam, Bageemidir, Maramma,
Misuwwaa,
Sooddo,
Shawaa, Harar,
Zaayilaa
fi Baarbaraa walitti
qabsiisa ture.
Bara 1973tti,
Oromoon Itoophiyaa keessatti
hacuuccamuunsaanii waan daangaa dhabeef ABO hundeessan; ABOnis
naannoo Oromiyaa keessatti ummata
sochoosuu jalqabe. Baruma kana Itoophiyaa keessa beela hamaa kan ummataa nuusa
miliyoonatii ol ta'u fixetu dhufe; kanarrattis mootummaan Hayila Sillaasee
tarkanfii fudhatee gargaarsi akka rabsamu eeyyamuufillee yeroo dheeraa itti
fudhate. Namoonni beelan dhuman baayyensaanii Oromootaa fi Amaarotaa Walloo,
Affaarii fi Tigroota turan.
Bara 1974 Finfinnee keessa hiriira nagaa fi fincila hojii dhaabuutu jira ture;
baruma kana Gurraandhala keessa mootummaan Hayila Sillaasee
kufee Dargiin aangoo qabate; garuu
ammas kaawonsiliin kun Amaaradhaan kan guuttame ture,
namoota miseensa kaawonsilii kanaa 125 keessa 25 qofatu Amaara miti. Bara 1975
mootummaan lafti baadiyyaa hundi kan mootummaa akka ta'e labse, sirna abbaa
lafaas balleesse. Garuu, bu'aan kunis qonnaa waliinii kan dirqamaa, qonnaa
mootummaa fi sagantaa ummata dirqamaan qubsiisuurraan kan ka'e galmaa gaa'uu
dide.
Mudde 2009tti,
gabaasni fuula 96 qabu kan Human Rights
in Ethiopia: Through the Eyes of the Oromo Diaspora jedhamu kan Advocates for Human Rights jedhamuun
qophaa'e sarbama mirga dhala namaa ummata Oromoo mootummoota Itoophiyaa sadan darban: Impaayera Abisiiniyaa kan Hayila
Sillaaseen bulchaa ture, sirna
Maarkisistii kan
hordofu Dargii
fi kan har'a Itoophiyaa bulchaa
jiru ADWUI
kan ABUT(Adda
Bilisummaa Ummata Tigraayin) hoogganamu, jalatti irra ga'e gabaasa. ABUT miseensota
ABO tilmaaman 20,000 ta'u
kan hidhan yoo ta'u hoggantoota ABO
hunda biyyaa ari'aniiru, ABOn Itoophiyaa keessatti akka
dhaaba siyaasaatti akka hin sochoone godhaniiru.
Akka Biiroo Mootummoota
Gamtoomanii Komishinera Olaanaa Mirga Namaatti, Oromia Support Group
(OSG) bara 2005 hanga Hagayya 2008tti Oromoonni 594 odoo gara mana murtiitti
hin geeffamin humnoota nageenyaa mootummaa Itoophiyaatin ajjeeffamaniiru, 43
ammoo mana hidhaa erga galanii booda dhabamaniiru.
Akka Gabaasa Amnistii
Internaashinaal BECAUSE I AM
OROMO jedhu kan bara 2014 baase ibsutti hacuuccaan mootummaan ADWUI
ilmaan Oromoorraan ga'u cimee kan itti fufe ta'uu ibsa. Bara 2011 hanga bara
2014 gidduutti qofa, Oromoonni 5,000 ol ta'an mootummaa karaa nagaatin warri
morman ykn mormu jedhamanii shakkaman mana hidhaatti galfamaniiru. Itoophiyaa keessa
gazeexessitonnii dhuunfaa fi miidiyaan bilisaa waan hin jirreef, lakkoofsi
namoota hidhamanii kun kana caaluu danda'a jedha. Miseensonnii dhaaba siyaasaa
seeran galmaa'ee socho'uullee odoo hin hafin kan dhibbaa olitti lakkaawwaman
mana hidhaatti akka darbaman dubbata.
Dimoogiraafii
Uummanni
Oromoo Itoophiyaa,
kan walumaagalatti sablammoota afaan 74 dubbatan qabdu, keessatti saba
isa guddaadha. Oromoonni 95% ta'an qubatanii kan qonnaan bulanii fi horiisee
bultoota godaanani.
Oromoon tooftaa qonnaa aadaa duubatti hafaa ta'e kan hordofu yoo ta'u jireenyi
isaanis irra caala harkaa gara afaanitti. Oromoonni muraasni naannoo magaalaa
jiraatu.
Ummatni
Oromoo kaabaan hanga Tigraay, kibbaan hanga Keeniyaa faffaca'ee argama.
Oromoon harki caalaan naannoo Oromiyaa
keessa kan jiraatan yoo ta'u hangi tokkommoo kaaba Keeniyaa keessa jiraatu.
Kana malees Oromoonni hangi tokko naannoo Amaaraa godina addaa
saba Oromoo keessaa naannoo
Tigraay aanaalee akka Raayyaa Azaboo jiraatu. Sabaa
fi sablammoota naannoo Beenishaangul
Gumuz keessa jiraatu keessa harki caalaan saba Oromooti.
Afaan
Kanas ilaali: Afaan
Oromoo
Ummanni Oromoo
Afaan Oromoo (Oromiffas ni
jedhama) dubbata. Afaan Oromoon
maatii afaanii Afroo-Eeshiyaatik jalatti ramadama. Gaanfa Afrikaa keessa Oromoon saba kuushii dubbatu guddicha
dha. Akka itinooloogin jedhutti, addunyaa guutuutti ummata 40,467,900tu Afaan Oromoo
dubbata. Afaan Oromoo damee afur gurguddaatti qoqqooddama: Afaan Oromoo Booranaa-Arsii-Gujii, Afaan Oromoo
Bahaa, Afaan Oromoo
Dhihaaf Walakeessaa fi Afaan Oromoo
Ormaati.
Yeroo ammaa
Afaan Oromoo qubee
Laatiniitin barreeffama.gahee
guddaa kan tapatanii jalqabarratti sheikh
bakri sapaloo turan. Qubeen
Saaphaalloos Afaan
Oromoo barreesuuf keessattu baha Oromiyaatti tajaajila
ture. haa tauu malee qubeen isaan kaayan osoo hojii irra hin oolin hayyuun fi
bekhaan oromoo DR Sheikh Mohammed-rashad
khabir Abdullee kan dhalootan gama baha oromiyaa naannawa harar turan lafa
kaayanii akka ummanni itti fayyadamu godhan.kitaabota amantaas dabalatee
kitaaba hedduu afaan biroo irraa gara afaan oromootti barreessan.Nannoo Oromoonni baayyen Musliima ta'anitti ammoo qubeen Arabaa Afaan Oromoo barreessuf fayyadamaa turan. Onesmoos Nasib eenyu hundeeffame caasluga Afaan
Oromoo ammayyaa.
Oromoo Saba
horsiisee bultoota (Pastoralist/nomadic) fi gartokkee qonnaan bultoota
(semiagriculturalist) jedhaman keessaa akka dhufe amanama.Jaarraa 16 keessatti
eega mootummaan Habashaa fi Sulxaanetii Adaal wal hadhanii lachuu dadhabanii
dhiisanii booda, ummanni Oromoo gara Kaabaatti (kaaba Oromiyaa
ammaatti)babal'atan. Abbaan amantii "Baahiree" jedhamu akka bara
1593tti barreessetti jajjabeenya Oromoon yeroo sunitti qabu cimaa akka ture
ibseera. Baahiree itti aanee Oromoon akka gara kaaba-dhihaatti gara Arsii, Shawaa, Wallagga fi Goojjam akkasumas
gara kaaba-bahaan gara Harargee fi Walloo
akka fafaca'e ibseera. Haroold G. Maarkas(Harold G. Marcus) akka jedhetti
kaabi-dhihaa Boorana akka
bakki Oromoon duran qubate akka ta'e ibseera. Jaarraa 17 jalqabee Oromoon
Amaara irraa gargar bahuu jalqaban. Haa ta'u malee, Oromoon bulchiinsa
Itoophiyaa bara suni keessatti bakka argachuu jalqabde. Keessattuu Emperor
Iyo'as 1ffaan (1730-55) Oromoota saba haadha isaa ta'an ofitti dhiheessuu
jalqabe. Akkasumas waltajjii Gondar keessatti Afaan Oromoo akka
dubbatamu taasise. Bara "Zemene Mesafinti" keessatti dhaloota Oromoo
kan ta'an Yejjuun bara dheeraaf waraanaan Imperoota Itoophiyaa dursaa turan.
Akkasumas Bageemidir, Enderases jalatti qoodamuu jalqaban. Yejjuunis Raas Alii
1ffaa jala bulaa ture, haa ta'u malee, bara dheeraan duuba Tewodiroos 1ffaan
Raas Alii 1ffaa injifate. Ta'us, ammallee Impereronni Itoophiyaa waan
dadhabaniif waraanni Yejjuu Itoophiyaa keessaa tokkoffaa ture.
Oromoonni bara sunnitti beekkamoo turan keessaa
1. Bulchituu
Manan kan Walloo, kan
bara 1800 mootii taate.
2. Ras
Mahaammad kan Walloo, kan
Raas Mikaa'el ta'e, achiin bulchiinsa
Sion.
3. Bulchituu
Manan kan Ambaassal, kan haadha manaa Hayila Sillaasee
taate.
Humnaa fi maatii imperiyaalaa
wajjin walitti qabamuf jecha ummatni Oromoo hedduun
Kiristaanummaatti jijjiiramanii
turan. Itti fufee immoo, gara dhuma 1800ffaatti, Imperer Yohaannis 4ffaan gosa
Oromoo Walloo keessa jiran hunda akka Kiristaanummaatti jijjiraman
yookaan immoo akka qabeenya isaanii dhaban sodaachisee ture. Kun immoo gosa
Oromoo lafa warra dhiisan akka gara kibbaatti godaanan warra godhee ture.
Bulchaan Oromoo Mohaammad maqaa jijjiratee
Abbaa lafaa Mikaa'el
jedhame, niitii erga fuudhee booda abbaa Imperer Iyyaasuu 4ffaa ta'e.
Qoqqoodama Oromoo!!
Uummanni
Oromoo bakka kudha lamatti adda baha. Bakka dhiha baha irra eegalee hanga
bahaatti tuutni kun:
Uummanni Wallaggaa ummata naannawa dhihaa
jiraatu ummanni kun naannawa bishaanii jiraatan;
Oromoo Maccaa -Shawaa
Lixaa,Shawaa Kibba Lixaa,Wallaggaa,Ilu Abbaa Booraa fi Jimmaa keessa jiraatu.
Oromoo Tuulamaa -
Handhuura Oromiyaa naannoo Finfinnee jiraatu;
Oromoo Walloo - gara Kaabaa
naannoo Amaaraa godina addaa
Oromiyaa, naannoo Hara Ashangee, jiraatu; Oromoo Raayyaa fi Oromoo Yajjuu jedhamu
Oromoo Ituu,
nannoo Oromiyaa keessa Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa jiraatu;
Oromoo Anniyyaa-
kibba warra Ituu
fi dhiha Laga Erer jiraatu;
oborra handhura baha oromiya jiratu Ala Oromoo
- magaalaa Harar
fi Laga Erer
dhihatti, warra Ituu fi Anniyyaa gidduu jiraatu;
Oromoo Nole - magaalaa Dirree Dhawaa
bahatti kaaba magaalaa Harar;
Oromoo Baabbilee - qaama Oromoo
bahaa yoo ta'an, baha Laga Erer
fi kibba Oromoo Bahaa jiraatu
Oromoo Jaarsoo - Harargee Bahaa gara
bahaatti;
Oromoo Arsii -
godinaalee Arsii, Baalee fi haga tokko Shawaa Bahaa keessa
jiraatu.
Oromoo Booranaa - Kibba Oromiyaa fi kaaba
Keeniyaa jiraatu.
Warra Qaalluu - Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa gidduu jiraatu.
Oromoo Gujii - qaama Oromoo Kibba jiraatuu
yoo ta'an, ollaa Oromoo Booranaa
jiraatu.
Shariifaa Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa gidduu
jiraatu.
Bulchiinsa
Oromoon waggaa
dheeran dura jalqabee sirna Gadaatin bulaa ture. Sirni Gadaa
sirna dimokiraatawaa kan ammaa wajjin kan wal fakkaatu yoo ta'u, aangoo waggaa
saddeetitti wal harkaa fuudhama.
Hidda Hortee Ilmaan Oromoo
1. Booraana
2. Bareentu
Booranni Ilmman12 dhalee. Isaanis:-
1,wallagga
2,callabba
3,goree
4,goofaa
5,sidaamoo
6,arii
7,dacee
8,garrii
9,guraa
10,giriirraa
11,naayroobii.fii
12,gujii
Booranni ilmaan shan dhale
1,xummuungaa
2,murawwa 3,karrayyuu
4,hunbanna
5,Qal’oo
Xummuungaan Ilmman 3dhalee
1,arsii
2,asoosaa
3,hawaasa
Murawwaan,1dhalee.innis.ltuudha.jedhama.
Ituun,10,dhalee.isaanis
1,waatee
2,gaamoo
3,baayee
4,galaan
5,Addaayyoo 6,baabboo.
7,waaree
8,algaa
9,gaaddullaa
10,Elolloo
Karrayyuun,barentuu ilmmaan
12.dhalee.
1,dullachaa
2,Abbichuu
3,gonbichuu
4,sayyuu
5,oboo
6,oborii
7,jiillee
8,bullaalla
9,mucee
10,galaan
11,salaalee,
12,wallo
Hunbannaan.ilma, 1 dhalee
Innis.Anniyyaa.jedhama
Anniyyaa..7dhalee
1,malkka
2,baabboo
3,dinbii
4,baaduu..(biduu)
5,mucii
6,naanna.a
7,kudheedhee
Qallo.4.. dhalee
1.ala
2,daga
3,oborraa
4,baabbile
Ala 12 dhalee
1,abbayii
2,nuunnu
3,kaaku
4,buubbu
5,diiramuu
6,abbaadho
7,goollo
8,Eerii
9,utayyu
10,gaalan
11,meettaa
12,arroojjii
Dagaa 3 dhalee
1,noolee
2,jaarsoo
3,huume.
Oborraan..3 dhalee
1,akkichu
2,bil,l
3,dooranii
Baabbile 3 dhalee
1,gantuub
2,hawiyyaa
3,hawaasilee
Arsiin, 2 dhalee 1,sikkoo
2,mandoo
Sikkoo ,5 dhalee
1,buullaalla 2,wucaalee
3,wooji
4,jaawwii
5,llaannii
Mandi 7 dhalee
1,raayituu(raa’idoo)
2,hawaxxuu
3,karaara
4,karrayyuu
5,meettaa
6,arroojii
7,garjeeda
Akkichuu.. oborraa ilma,2, dhalee
1,dhaayii
2,biliidaa
Dhaayii 3,dhalee
1,dukkoo
2,kooyee
3,allaatayya
Billiidaan, 3 dhalee
1,godaana
2,busaa
3,allaa
Gujiin boorana 3 dhalee
1,hookkuu 2,Uraagaa
3,matii..maatii
Hookkuun 7dhalee
1,galalchaa
2,oborraa
3,michillee
4,heeraa
5,bundhituu
6,kinnoo
7,baallaa
Uraaggaan 6 dhalee
1,goolloo
2,hallaa”oo
3,Agantuu
4,daraartuu
5,sarboortuu
6,waajituu
Maatiin 3 dhalee
1,hirqaantuu
2,linsoolee
3,hundee.
Kanas ilaali
"https://om.wikipedia.org/w/index.php?
title=Oromoo&oldid=38256" irraa kan fudhatame
Comments
Post a Comment