Posts

Siraa rasuulaa (SAW) k3ffaa

  Rabbiin waadaa galee jira. Isaan Ana gabbaru, homaa Natti hin shaarrakan (hin qindeessan). Sana booda namoonni kafaran, warri suni isaanumatu finciltoota. Akka rahmanni isiniif godhamuuf salaata sirnaan salaataa, zakaas kennaa, Ergamaafis ajajamaa.”  Suuratu An-Nuur 24:55-56 amanti isaaniif jaallatte isaaniif mijeessu “amanti isaaniif jaallatte isaaniif mijeessu”  jechuun Islaama isaaniif jaallate amanti hundaa ol gochuu fi ifa baasudha. Ergamaan Rabbii fi sahaabonni isaa ulaagaalee dachii keessatti jabeenyaa fi humna argachuu guutanii jiru. Ulaagaaleen kunniin: haala sirrii ta’een amananii jiru, gosoota hojii gaggaarii kamiyyuu hojjatan, jireenya isaanii guutuu keessatti Rabbiin qofa gabbaran, gosa shirkii kamiyyuu itti duulanii jiru.  Yommuu isaan ulaagaalee kanniin guutan, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabiyyii fi sahaabota dura akkuma Fira’awna balleessuun banii Israa’il dachii keessatti bakka buuse, Nabiyyii fi hordoftoota isaas, dachii keessatti bakka buuse ...

Siirah Seenaa Nabii Muhammad (Saw) kutaa 2ffaa

Image
  Seenaa Nabiyyii barachuu fi qo’achuu keessa, Nabiyyiin abbaa manaa akkami, hogganaa akkamii, bulchaa akkamii, barsiisaa akkamii, abbaa murtii akkamii, daa’i akkami, Zaahida akkamii akka ture beekna. Haala fi eenyummaa keenya osoo adda hin baasin hundi keenyayu seena Nabiyyii qo’achuu irraa faaydaa guddaa arganna. Daa’in (namni gara Islaamatti namoota waamu) maloota, marsaalee daaw’aa, marsaalee hundaaf karaa sirrii hordofuu qabu seenaa Nabiyyii (SAW) keessatti ni argata. Seenaa kanarraa wanti daa’in fayyadamu: namootaan akkamitti akka wal qunnamuu fi Islaamatti waamu, Nabiyyiin (SAW) jecha Rabbii oltaasisuuf humna guddaa akka baase itti dhagahamu, gufuwwanii fi rakkoolee isa qunname akkamitti akka too’ate, rakkoolee cimaa fi fitnaa fuundura dhaabbanni sirriin maal akka ta’e ni barata.  Barsiisaan-manatti ykn mana barnootatti ijoollee barsiisus seenaa Nabiyyii (SAW) keessatti nabiyyiin dhaloota hawaasa Musliima seenaa guddaa hojjatan akkamitt akka barsiise fi guddise ni barat...

Siirah Seenaa Nabii Muhammad (Saw)

  Siirah Seenaa Nabii Muhammad (Saw) Seensa Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Rabbiin jallinna keessatti dhiise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.   ﴾١٠٢ يأَََٰٓيُّهَا ٱ ذ   ِلَّي نَ ءَامَنُوا ْ  ٱ  ذ تقُو ا ْ  ٱ  ذ  للَّ حَ ذق تُقَاتِه ِۦ وَلََ تَمُوتُ ذن إِ  ذ لَ وَأنَتُم مُّسۡلِمُونَ﴿ “Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbiin sodaadhaa. Muslimoota taatanii malee hin du’inaa.”  Suuratu Aali-Imraan 3:102 Barbaachisuummaa Siirah Seenaa Nabii Muhammad (Saw) Barachuu Qajeelcha [fi seenaa] nabiyyi barachuun Muslimoota hundaaf dhimma garmalee barbaachisaa ta’eedha. Kaayyoolee baay’ee gal...

Kuni website seenaa oromoo irattii barressinuudhaa

Image
  Oromoon uummata afaan hortee Kuush dubbatu kan Bahaa fi Kaaba-Baha Afrikaa keessatti argaman keessaa isa guddaadha. Odeeffannoon jiru akka ibsutti, ummanni Oromoo akka hawaasaatti Gaanfa Afrikaa keessa waggoota kuma baay'eedhaaf jiraachaa ture (Prouty et al., 1981). Bates (1979) Oromoon sanyiii duriifi jalqabumaa kaasee naannoo kana jiraachaa tureedha, tarii uummattoonni naannoo Baha Afrikaa kaan baayyeen kan irratti waraabamani. Dhufaatii Ka'umsi Oromoo eessaa akka ta'e sirriitti hubachuuf qorannoon dabalataa barbaachisuyyuu, Oromoon jalqabarratti akka horsiisee-bulaatti fi/ykn gartokkeen qotee-bulaatti jiraachaa ture jedhamee amanama. Qorattoonni seenaa baayyen gosoonni Oromoo (Baale) muraasni fiixeekibbaa Itoophiyaa har'aa keessa waggaa kumaa ol jiraacha akka turan walii galu. Qoratoonni kun Godaansi Oromoo daldalaan-dhiibbame ummata Oromoo gara bakka har'a jiraatan walakkaa fi dhihaa Itooophiyaa jaarraa 16ffaa fi 17ffaatti akka fide dubbatu. K...