Siirah Seenaa Nabii Muhammad (Saw)

 

Siirah Seenaa Nabii Muhammad (Saw)

Seensa

Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Rabbiin jallinna keessatti dhiise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.   ﴾١٠٢ يأَََٰٓيُّهَا ٱذ  ِلَّي نَ ءَامَنُواْ ٱ ذتقُو اْ ٱ ذ للَّ حَ ذق تُقَاتِه ِۦ وَلََ تَمُوتُ ذن إِ ذلَ وَأنَتُم مُّسۡلِمُونَ﴿

“Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbiin sodaadhaa. Muslimoota taatanii malee hin du’inaa.” Suuratu Aali-Imraan 3:102

Barbaachisuummaa Siirah Seenaa Nabii Muhammad (Saw) Barachuu

Qajeelcha [fi seenaa] nabiyyi barachuun Muslimoota hundaaf dhimma garmalee barbaachisaa ta’eedha. Kaayyoolee baay’ee galmaan gaha. Isaan keessaa ijoon: Namummaa Ergamaa Rabbii (SAW), hojiwwan isaa, dubbiwwan isaa fi wantoota inni mirkaneesse beekun Isatti hidhachuu. Muslimni akka nabiyyi (SAW) jaallatu taasisu. Nuti yeroo Nabiyyiin Qureeshotatti daaw’a godhuu bira hin jirru. Kanaafu, akkamitti osoo isa hin beekin isa jaallachuu dandeenyaa? Kanaafu, karaan tokkichi nabiyyi (SAW) itti jaallatanii fi hordofan seenaa isaa (siiraa) barachuudha

Comments

Popular posts from this blog

ከታሪክ ማህደር ክፍል 1

Seenaa Motummaa Jimmaa (kutaa 1ffaa)

The Untold Story of the Battle of Maqdala and the Struggle Between Emperor Tewodros and the Oromos