Seenaa Bu’ureeffama motummaa shanan Gibee

 Bu’ureeffamni motummaa shanan Gibee kunii loola mootoota kirstaana Kaabaa fi loola motoota Amara Shawaa ifirraa akka qolatan gargaaru danda’us faallaa sochii babal’ifannaa daanga ummata Oromoo Meccaaf Tulamaan taasifamaa tureen, motuimmaan shanan Gibe aadaa dudhaa, amantiif bulchiinsa siyaasdinagdee qabuu gara naannoo biraattii geessuu irrattii akkaan dadhabaa turee. Sababa kanaafis motoonni Amara Shawaa dhuma jaarraa 19ffaa kessattii humna loltuu isaanii akkaan cimsuun Motii Minilik IV durfamaa weerara gita-bittummaa gara kibba Itiyoophiyaatti taasisanin ummata Oromoo cabsaa daangaa isaanii babal’ifachaa humna loltuu isaanii ergaa akkaan ijaaraniin booda soochii isaanii gara motummaa shanan gibeetti taasisaniin tarsimoo qabatan keessaa loola malee waligalteedhaan biyyaa ykn motummaa if danda’e jaarraa 7 olif tuuree of jalatti galfachuu dandaa’aniruu.

Waligalteen kuunis mootii jimmaa Abbaajifaar fi mootii Amara Shawaa Minilik gidduttii kan taasifamee tuuree. As irrattii wantii hubatamuu mootiin Minilik feedhii babal’ifannaa daangaafii gita-bittummaa isaanii mirkaneeffachuuf sochii taasisan kessattii faallaa tarsimoo naannoo biraa bituuf taasisan irraa, motummaa shanan gibee gabroomsuf takkaahuu if jala galchuuf tarsiimoon isaan hordofan waligalteedhaan harka kennisiisu kan jedhuu turee. Sababbiin isaas seenaa mootummaa shanan Gibeefi jimmaa dina iffirraa facisuu irrattii hangam cimoo akka ta’an waan beekanii hubataniif hogguu ta’u hanga fedhee loltuu cimaa qabaatanis motummaa shanan Gibee fi mootii Jimmaa malaan qabachuu akka qaban hubatanii waan tureefi. Mootiin jimmaa kan turan Abbaan Jifaaris waligaltee kanaaf kan haayyamaman sodaa irraa kan ka’e oso hin taanee nama malaan silooluu dhuufuu malaan loltuu malee injifannoo argachuu akka hin dandaa’amnee waan gadifaggenyaan beekanii amananiifii. Haaluma kanaan waligaltee raawwatanis loola mootii guumaafii looltoota Minilik jidduutti dhuma jaarraa 19ffaafii jalqaba jaarraa 20ffaattii raawwatama turee harka keessaatin gargaaraa turan.
๐–Ž๐–™๐–™๐–Ž๐–Ž ๐–‹๐–š๐–š๐–‹๐–†๐–†….

Comments

Popular posts from this blog

แŠจแ‰ณแˆชแŠญ แˆ›แˆ…แ‹ฐแˆญ แŠญแแˆ 1

Seenaa Motummaa Jimmaa (kutaa 1ffaa)

The Untold Story of the Battle of Maqdala and the Struggle Between Emperor Tewodros and the Oromos