Siraa rasuulaa (SAW) k3ffaa
Rabbiin waadaa galee jira. Isaan Ana gabbaru, homaa Natti hin shaarrakan (hin qindeessan). Sana booda namoonni kafaran, warri suni isaanumatu finciltoota. Akka rahmanni isiniif godhamuuf salaata sirnaan salaataa, zakaas kennaa, Ergamaafis ajajamaa.” Suuratu An-Nuur 24:55-56
amanti isaaniif jaallatte isaaniif mijeessu
“amanti isaaniif jaallatte isaaniif mijeessu” jechuun Islaama isaaniif jaallate amanti hundaa ol gochuu fi ifa baasudha. Ergamaan Rabbii fi sahaabonni isaa ulaagaalee dachii keessatti jabeenyaa fi humna argachuu guutanii jiru.
Ulaagaaleen kunniin: haala sirrii ta’een amananii jiru, gosoota hojii gaggaarii kamiyyuu hojjatan, jireenya isaanii guutuu keessatti Rabbiin qofa gabbaran, gosa shirkii kamiyyuu itti duulanii jiru.
Yommuu isaan ulaagaalee kanniin guutan, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabiyyii fi sahaabota dura akkuma Fira’awna balleessuun banii Israa’il dachii keessatti bakka buuse, Nabiyyii fi hordoftoota isaas, dachii keessatti bakka buuse jira. Magaalaa Makkaa harka Mushrikootati buusun Nabiyyi irratti moosise.
Comments
Post a Comment