Barbaachisuummaa Siirah Seenaa Nabii Muhammad (Saw) Barachuu
Barbaachisuummaa Siirah Seenaa Nabii Muhammad (Saw) Barachuu
Qajeelcha [fi seenaa] nabiyyi barachuun Muslimoota hundaaf dhimma garmalee barbaachisaa ta’eedha. Kaayyoolee baay’ee galmaan gaha. Isaan keessaa ijoon: Namummaa Ergamaa Rabbii (SAW), hojiwwan isaa, dubbiwwan isaa fi wantoota inni mirkaneesse beekun Isatti hidhachuu. Muslimni akka nabiyyi (SAW) jaallatu taasisu. Nuti yeroo Nabiyyiin Qureeshotatti daaw’a godhuu bira hin jirru. Kanaafu, akkamitti osoo isa hin beekin isa jaallachuu dandeenyaa? Kanaafu, karaan tokkichi nabiyyi (SAW) itti jaallatanii fi hordofan seenaa isaa (siiraa) barachuudha
Seenaa Nabiyyii barachuu fi qo’achuu keessa, Nabiyyiin abbaa manaa akkami, hogganaa akkamii, bulchaa akkamii, barsiisaa akkamii, abbaa murtii akkamii, daa’i akkami, Zaahida akkamii akka ture beekna. Haala fi eenyummaa keenya osoo adda hin baasin hundi keenyayu seena Nabiyyii qo’achuu irraa faaydaa guddaa arganna. Daa’in (namni gara Islaamatti namoota waamu) maloota, marsaalee daaw’aa, marsaalee hundaaf karaa sirrii hordofuu qabu seenaa Nabiyyii (SAW) keessatti ni argata. Seenaa kanarraa wanti daa’in fayyadamu: namootaan akkamitti akka wal qunnamuu fi Islaamatti waamu, Nabiyyiin (SAW) jecha Rabbii oltaasisuuf humna guddaa akka baase itti dhagahamu, gufuwwanii fi rakkoolee isa qunname akkamitti akka too’ate, rakkoolee cimaa fi fitnaa fuundura dhaabbanni sirriin maal akka ta’e ni barata.
Barsiisaan-manatti ykn mana barnootatti ijoollee barsiisus seenaa Nabiyyii (SAW) keessatti nabiyyiin dhaloota hawaasa Musliima seenaa guddaa hojjatan akkamitt akka barsiise fi guddise ni barata. Dhaloonni jalqabaa harka nabiyyii irratti baratanii fi guddatan dhaloota hundarra gaarii ta’anii fi seenaa eenyullee hin hojjatin hojjatanii kan darbaniidha. Bahaa dhiya addunyaa keessatti adli (haqummaa) babal’isan.
Hogganaan waraanaas seenaa Nabiyyii keessatti (SAW) sirna jabaa wal qabate, tooftaa garmalee gadi fagoo fi cimaa ta’e, loltuu fi ummata karaa adda addaatin hogganu ni argata. Nabiyyiin (SAW) akkamitti haqaan akka hojjatu, ummata muslimaa tokko godhe fi hawaasa keessatti namoota gadhee akka munaafiqota waliin akkamitti akka jiraate ni barata.
Ammas aalimman (hayyoonni), Qur’aana hubachuuf seenaa nabiyyii (siiraa) qo’achuu qabu. Sababni isaas, seenaan Nabiyyii wanta Qur’aana keessa jiru hojiin agarsiisa, sababa aayan itti buute ibsa, aayata baay’ee ifa godha. Kanaafu, kuni hundi Qur’aana hubachuu, murtiwwanii fi barnoota isa keessaa baasuu irratti isaan gargaara.
Ammas, daldalaan siiraa irraa kaayyoo daldalaa, karaa fi sirna itti daldalan barata. Namoonni rakkoolee fi qormaata adda addaan qoramaniis obsaa fi gadi dhaabbannaa guddaa sadarkaa ol’aanaa baratu. Karaa daaw’a Islaamaa keessatti jabeenyi isaanii ni jabaata, Rabbiin irratti hirkachuun isaanii ni guddata, xumurri gaariin warroota taqwaa qabaniif akka ta’e ni mirkaneefatu.
Comments
Post a Comment