Seenaa Motummaa Jimmaa (kutaa 1ffaa)
Dhuma Jaarraa18fii jalqaba jaarraa 19ffaa kessatti walittii dhufenyaafii walittii hidhaminsii ummata oromoo jimmaa motummaa shanan gibee bu’uresseraa. Sababiin waliittii hidhaminsa motummota shanan gibee (Limmuu Geeraa Gumaa Goommaa fi Jimmaa) waraana takkaahuu loola jaarraa 14ffaa bara mootii motummaa Kirstaana kaaba itiyophiyaa kan ture Amda Tsiyon irraa kaasee hanga dhuma jaarraa 18ffaatti motoota kirstaana Shawaa walin taasifamaa tureetuu walittii dhufenyaafi waliitii qabaminsa motota shanan gibeetif kakka’umsa ta’eraa.
As irattii haayyuun seenaa beekkamaan Professor Mohammed Hasen kitaaba isaanii “đŠđđ đ¤đ§đ¤đ˘đ¤ & đđđ§đđ¨đŠđđđŁ đđđđđĄđđŁđ đ đđŁđđđ¤đ˘:1300-1700) jeedhuu irrattii bu’ureessaa motummaa kirstaanaa kabaa kan ta’e amde tsiyon bara 1370 irraa kaasee hanga dhuma jaarraa 18fffatti loolliifii waraannii akkaan laallessaa ta’e waraana motoota kirstaanaafii motoota shanan Gibee (kessattuu motummaa Limmuu Inaariiyaa) jidduuttii rawwatama tuuree hanga motoota Amara Shawaa walin wal waraanuun ittii fufee turee. Kuniis jalqaba jaarraa 14ffaa kaasee hanga dhuma jaarraa 19ffaattii waggottan 600 olif waraana taasifamaa tureedha. Haaluma kanaan Gara dhuma jaarraa 18ffaattii immoo loollii motoota kirstaana kaabaafi motummaa Limmuu walin taasifamaa turee babal’achaa gara waraanaa motoota kirstaanaa Amara Shawaa dabalachun motummaa Geeraa, Guumaa, Jimmaa fi Goomaa waliinis taasifamuu jalqabee. Ergaa loola kana ifirraa qolachuuf ummannii Oromoo jimmaa motummaa shanan gibee tokkoo jalattii bifa falaasama motummaa konfedaralawaa fakkaatun walittii qabamee.
Comments
Post a Comment